ONM-ABO Eebla 2, 2025
Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Tummee Yaayyaa jedhamutti Bitootessa 31, 2025 maanguddoon biyyaa fi uummata walitti bu’insa qaban caayaa tokko jalatti walitti araarsuun jaallatamummaa uummata biraa qabu kan maqaan isaa Obbo Dajanee Caatii jedhamu waraana akka feetee PP’n reebichi ulfaataan irratti raawwachuun yeroo ammaa kanas miidhaa jabaan irra ga’uun beekameera.
Obbo Dajaneen balleessaa reebichaan isa adabsiisus akka hin raawwanne jiraattonni ONM’tti kan himan yoo ta’u, waraanni bulchiinsa magaalaa aanichaa irraa gara qe’ee isaatti bobbaafaman meeshaa waraanaa qabdaa fidi jechuun akka gaafatanis itti dabaluun himu.
Haa ta’u malee gaaffii lukkeelee PP kanaafis deebiin isaanii akka meeshaa waraanaa hin qabne kan itti himan ta’us waraanni mirga ajjeesuu fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa akka raawwataniif bobbaafaman kunneen humnaa fi qawwee of harkaa qabanitti dhimma ba’uun reebicha jabaa kanas akka irratti raawwatan itti dabaluun ibsaniiru.
Waraanni murna Bilxiginnaa kabaja abbaa fi haadha irraa dhalataniif taasisuu irra jaalala maallaqaa fi garboomfatamanii buluuf dantaan bitamuun maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuu jedhuun qe’ee hawaasaatti bobbaafamanii daa’immanii kaasee hanga jaarrolee umuriin isaanii deeme irratti miidhaa taasisan cimsanii itti fufaniiru.

