• Wed. Mar 18th, 2026

Waraanni murna Bilxiginnaa Lixa Harargee keessatti dargaggeessa tokko rasaasaan rukutuun yoo madeessan namoota jumlaan hidhuu fi saamicha qabeenyaas hammeessaa jiraachuun ifoome

Apr 3, 2025

ONM-ABO Ebla 2, 2025 

Bitootessa 30, 2025 aanaa Daaroo Labuu araddaa Gabbis Aammee fi Caffee Haraa keessaa faashistoonni murna PP loowwan uummataa baay’inaan 90 ta’an kan WBO’ti jechuun jalaa ooffatanii gara magaalaa Machaaraatti kan geeffatan oggaa ta’u, aanaa Hancaar araddaa Miidhagduu keessaa ammoo loowwan uummataa bakka itti bobbaa’anii jiranii ooffachuun gara mooraa isaaniitti geeffatanii qarshii kuma kudhan kudhan kaffalaa baafadhaa jechuun dararaa ulfaataa uummata irraan ga’aa jiru.

Namoota loon isaanii jalaa saamame keessaas kanneen maqaan nu ga’e: 

  1. Obbo Toofiqoo Juuneeydii kan jedhamu jalaa loowwan 50 ol saamuun, 3 keessaa qalatanii kan nyaatan oggaa ta’u, 
  2. Obbo Maammad Jaarraa kan jedhamu jalaas loon hedduu fudhatanii qarshii jedhame kaffaltan malee hin baafattan jechuun rakkisaa jiraachuu maddeen ONM’f eeranii jiru.

Kana malees guyyaadhuma kana araddaa Miidhagduu keessatti maqaa deggeraa WBO’ti jedhuun dargaggoo maqaan isaa Huseen Kadiroo jedhamu rasaasaan jilba isaa irra rukutuun madeessuun, dargaggoota hedduu jumlaan ukkaamsanii mana hidhaatti galchuun dararaa jiraachuu maddeen dabalataan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading