ONM-ABO Ebla 3, 2025
Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa ganda Alii Baabboo bakka addaa Kattaa Kalee jedhamuun beekamutti goolessitootni waraana PP kan ajaja Koloneel Abiy Ahimed irraa fudhachuun uummata Oromoo dararuuf bobbaafaman qabeenyaa uummata Oromoo saamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Namoota saamichi irratti raawwatame keessaa kanneen maqaa isaanii arganne:
- Obbo Suufaa Assiruu jalaa horii 4,
- Obbo Lachiisaa jalaa sangoota 2 fi sa’a dhaltii 1,
- Obbo Biraanuu Likkaasaa jalaa horii 5 fudhatanii ooffatanii gara mooraa isaanii kan godina Lixa Shaggar aanaa Jibaatitti argamu akka geeffatan beekameera.
Kana malees bakka addaa Gabaa Areeree jedhamutti horii 2 keessaa qalachuun kan nyaatanii fi sangaan tokko ammoo harkaa badee deebi’uuf fiignaan rasaasaan rukutanii ajjeesuus maddeen dabaluun ONM’f ifoomsanii jiru.
Naannichatti qaamonni maqaa waraanummaa da’oo godhatanii garaa isaanii qofa guuttachuuf jecha meeshaa saamichaa hidhatanii hawaasa Oromootti bobbaafaman kunneen yakkoota gaafatama seeraa fi seenaa jalaa isaan hin baafne bifa garaa garaan raawwachaa kan jiran yoo ta’u, maatii qabsaa’otaa irrattis gochoota suukkanneessaa akka ajjechaa, hidhaa fi saamichaa raawwachaa jiru.


