• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Qarsaa Maallimaatti waraanni Bilxiginnaa dargaggoo tokko ajjeesuun himame

Apr 4, 2025

ONM-ABO Ebla 3, 2025 

Kaleessa Ebla 2, 2025 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Gooroo Gabreelii iddoo addaa Haroo Carii jedhamu keessaa dargaggoo maqaan isaa Baay’isaa Fayisaa jedhamu loltoonni maafiyaan PP yakka tokko malee rasaasaan waadanii ajjeesanii gatuun ibsame.

Dargaggeessi waraana garboomfataa PP’n ajjeefame kun yakka raawwate qabaateef osoo hin taane guyyaa kana waraanni sirnichaa bulchiinsa magaalaa aanichaa mooraa waraana raayyaa ittisa impaayerattii irraa bobbaafamuun qe’ee hawaasaa keessatti miidhaa adda addaa raawwachaa turuun lubbuu dargaggoo kanaas obbaasanii deemaniiru.

Rakkooleen jajjabaan waraana garboomfataa PP’n Oromiyaa keessatti raawwachaa jiru haalaan yaaddessaa fi qorqalbii ol adeemtotaa miidhaa kan jiru oggaa ta’u, dachee Oromiyaa keessa namni nagaan ba’ee galuu erga dadhabee waggoottan lakkoofsisaa kan jiruu fi waraanni mirga ajjeesuu gonfamee bobbaafamaa jirus hojiilee saamichaa, ajjeechaa fi hidhaa irratti xiyyeeffachuun rakkoolee hedduu qaqqabsiisaa akka jirus ibsameera.

Leave a Reply