Aanaa Ciroo araddaa Sheek Adam jedhamu keessatti waraanni goolessaan sirnichaa baay’inaan 500 ol ta’an araddicha buufachuun yeroo ammaa rakkoolee jajjaboo uummata irratti raawwachaa kan jiran yammuu ta’u, uummata bakkichaan nyaataa fi dhugaatii keenya nu danda’uu qabdu ittiin jechuun qawween irraa saamanii nyaachaa kan jiranii fi namoota waan kennan dhaban irratti ammoo gocha suukkanneessaa raawwachaa jiraachuun beekameera.
ONM-ABO Ebla 3, 2025
Sababa kana irraa kan ka’e namoonni hedduun dararaa fi doorsisa irra ga’aa jiru kana rifachuun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa godaanaa akka jiran kan dubbatan jiraattoonni, namoota hedduu hidhuun hiraarsuu fi gocha suukkanneessaa irratti raawwachuun ajjeesaa jiru.
Torbee darbe keessa ganda Usmaan Muusaa keessaa haadha daa’ima tokkoo kan taate kan maqaan ishee Caalee Yusuufee jedhamtu sooma Ramadaanaa irraa qabuun ajajaan waraanaa PP maqaan isaa Maammee jedhamu mana barumsaa magaalaa Dirreetti geessuun haala suukkanneessaan gudeeddii irratti raawwachuun gadameessa ishee irraan miidhaa erga ga’een booda gad baasee gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesee gatuu maddeen ONM’f ifoomsaniiru.
Kana malees maqaa deggertoota WBO’ti jedhuun namoonni heddumminaan ukkaamfamuun mana hidhaa keessatti dararaa ulfaataa argaa kan jiran ta’uu kan dubbatan, isaan keessaa kanneen maqaa arganne:
- Dursituu Useenii fi
- Jamaalee Ussoo kanneen jedhamaniidha.


