• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuutti maqaa deggersa milishootaan saamichi hammaachuun ibsame

Apr 5, 2025

ONM-ABO Eebla 4, 2025 

Milishoonni murna PP godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Darroo Daannisaatti midhaan kubbayyaa digdama digdama (20) dirqiin uummata irraa guuruun hiraarsaa kan jiran oggaa ta’u, kanuma irraa kan ka’e uummanni harka qalleessi ofiifuu maatii isaa waan ittiin jiraachiffatu hin qabne miidhaa jabaa keessummeessaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Uummata Oromoo balleessaa tokko malee biyya abbaa isaa Oromiyaa irratti dararaa hamtuu dhala namaaf hin malle irratti geggeessaa kan jiran loltotni Bilxiginnaa tibba kana ammoo kan yeroo kamiin oolitti aanaa Kuyyuu keessatti saamicha, hidhaa fi dararaa jabaan raawwachaa jiraachuun beekameera.

Guutuu Oromiyaa keessatti uummata Oromoo dararuuf kan bobbaafaman jaleewwan murna PP guyyuu afaan qawwee fayyadamuuun gochoota ciiggaassisoo garaa garaa geggeessaa kan jiranii fi maqaa siyaasaa uummatni quba hin qabneen yakkuu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiru.

Leave a Reply