• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti hidhattoonni PP wal shakkii gidduu isaaniitti uumameen wal hidhaa jiraachuun dhaga’ame

Apr 5, 2025

ONM-ABO Ebla 4, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti hidhattoonni PP raafama impaayerattii mudatee jiruun wal qabatee ija shakkii fi ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabduun wal qooduun miidhaa wal irraan ga’aa jiraachuun kan beekamu oggaa ta’u,  Eebla 1, 2025 miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii kan hiddi dhaloota isaanii Oromoo ta’e adabbii ulfaataan hoggansa waraanaa onichaan itti kennamuun hiraarfamaa akka turan maddeen keessoo sirnichaa ONM’f eeraniiru.

Miseensonni waraanaa kunneenis harki isaanii dudduubatti hidhamuun guyyaa guutuu aduu keessatti hidhamaa akka turan kan himamu yoo ta’u, yeroo ammaa kanas haalli fayyummaa isaanii maal irra akka jiru hin beekamin jiraachuun ibsameera.

Dhiibbaan ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru keessaa fi alaan babaldhachuun, namoonni quuqama sabaa qaban ija shakkiin ilaalamuun sochiileen isaanii hordofamee hidhamuu, dhabamsiifamuu fi ajjeefamaa kan jiran yoo ta’u, murni garboomfatee bulchuuf ifaajus gochaawwan daba sagalee namootaa ukkaamsuuf tajaajilan lammiilee nagaa irratti fayyadamaa jira.

Leave a Reply