• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti ergamtoonni Bilxiginnaa saamicha hawaasa irratti raawwatan

Apr 6, 2025

ONM-ABO Ebla 5, 2025 

Aanaa Sibuu Siree ganda Baabboo Kuweetti waraanni PP Ebla 3, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaan: 

  1. Obbo Ijjiguu Addunyaa jedhamu jalaa horii 7 yoo fudhatan,  
  2. Obbo Shuumaa Guuttataa jedhamu jalaa immoo qotiyyoota cimdii 1 saamanii

deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Namoonni kunneen yakka dalagan qabaataniif osoo hin taane, maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii kan saaman ta’uu jiraattotni himuun, akkuma aanichaatti dararaan lukkeelee Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufee jiraachuu jiraattotni  himan.

Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen dinagdee isaanii guutummaa guutuutti kufee jiru dandamachiisuuf qonnaan bultoota Oromoo maqaa adda addaa itti maxxansanii yakkuun saamanii faayidaa dhuunfaa isaanii irra oolfachaa jiru.

Leave a Reply