• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Gindabarat keessatti hidhaa fi saamichi murna Bilxiginnaan hawaasa irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun ibsame

Apr 7, 2025

ONM-ABO Ebla 6, 2025 

Aanaa Gindabarat ganda Bakkee Bal’aa jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa maqaa “ilmaan keessantu hidhatee bosona jira” jedhuun namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Tuujubaa, 
  2. Obbo Toleeraa Xiiqii, 
  3. Obbo Adaanaa Toleeraa 

kanneen jedhamanii fi namoota biroo hedduu badii tokko malee maatii guutuu waliin hidhuun, qabeenyaa isaanii hanga lukkuutti saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Lukkeeleen sirnichaa dararaa ulfaataa raawwachuu ittuma fufuun, ganda Cirracha jedhamu irraa harmoolii maqaan isaanii:

  1. Aadde Maammee Irboo,
  2. Aadde Zabbanuu Galaa, 
  3. Aadde Obboshee Kiisii fi 

kanneen maqaan isaanii yeroof hin argamne hedduu sababa ilmaan isaaniif hidhuun ibsameera.

Ganda kana malees, gandoota aanichaa 32 ta’an guutummaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa adda addaa hawaasatti maxxansuun maatii qabsaa’otaa kanneen baay’inaan 200 ol ta’an yakkanii garmalee hiraarsaa jiraachuun ibsamee jira.

Leave a Reply