ONM-ABO Ebla 6, 2025
Waraanni Bilxiginnaa afaaniin nageenya lallabaa faallaa isaa ammoo duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo rratti raawwachaa jiran kaleessa Ebla 4, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuutti dargaggeessa tokko yakka tokko malee rasaasaan waadanii ajjeesanii gatuun ibsame
Dargaggeessi ajjeefame kunis maqaan isaa Daggafuu Sanbataa kan jedhamu yoo ta’u, jiraataa ganda Baddeessa Baaroo ta’uus jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Daggafuun cidha gaa’elaa dhiheenya kana geggeeffatee turuunis kan himamu oggaa ta’u, Ebla 6, 2025 gara mana maatii haadha warraa isaa mana seennaaf deemuuf qophii irra kan jiru akka ta’es kan dubbatan jiraattonni, shiftoonni koloneel Abiy Ahimed kanneen gammachuu ilmaan Oromoo gaddatti deebisuu aadeffatan kunneen qe’ee gammachuu qe’ee gaddaattii jijjiiruun ifoomeera.

