• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Limmuu keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhaatti darbachuu hammeessan

Apr 8, 2025

ONM-ABO Ebla 7, 2025 

Aanaa Limmuu bulchiinsa magaalaa Galiilaatti  jaleewwan Bilxiginnaa badii tokko malee nama maqaan ishee Aadde Faqqadee jedhamtu Ebla 1, 2025 qabuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Kana malees, aanaadhuma kana ganda Mukarbaa Diimaa jedhamu irraa immoo torban darbe keessa namoota maqaan isaanii: 

  1. Obbo Asaffaa Abbabaa fi 
  2. Obbo Margaa jedhaman hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuun dabalataan ibsamee jira. 

Namoonni kunneen badii qabaataniif osoo hin taane, maqaa “ilma keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira, waamaa galchaa” jedhuun yakkamuun akka hidhamanii fi waajjira poolisii aanichaatti yeroo adda addaatti irra deddeebiin sobaan yakkamuun hidhamaa kan turan ta’uun ibsamee jira.

Leave a Reply