• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Daaroo Labuutti ajjechaan murna PP’n dargaggeessa tokko irratti raawwachuun dhaga’ame

Apr 8, 2025

ONM-ABO Ebla 7, 2025 

Lixa Harargee aanaa Daaroo Labuu araddaa Caffee Haaraa ganda Homocaa jedhamu keessatti torban kana waraanni shiftaan PP kan uummata Oromoo duguuguuf bobbaafaman dargaggoo maqaan isaa Idiris Ibraahim Hasan jedhamu balleessaa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen jedhanitti dargaggoon kun balleessaa tokkollee kan hin dalagnee fi dhaaba siyaasaa kamiyyuu kan hin hordofne ta’uu himuun jaleewwan sirnichaa kunneen sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkanii tarkaanfii ajjeechaa suukkanneessaa irratti taasisuun awwaalchas dhorkuu dubbatu.

Sirni balfamaan jiruu fi jireenya ilmaan Oromoo lafa irraa dhabamsiisuuf karoorfate kun kutaalee Oromiyaa cufa keessatti tarkaanfii gara jabeenyaa uummata Oromoo irratti hammeessuun inumaayyuu ajjeesee reeffa awwaalcha dhorkaa jiraachuun beekameera.

Leave a Reply