ONM-ABO Ebla 7, 2025
Ebla 4, 2025 aanaa Harxummaa Fursee Qorii ganda Waaccootaa irraa milishoonni sirnichaa qonnaan bulaa maqaan isaa Aliyyii Shaambal jedhamu qabanii garmalee reebuun hidhaatti yoo darbatan, guyyaadhuma kana ammoo jiraataa magaalaa Fursee kan hojii daldalaan jiraatu nama maqaan isaa Mahaammad Hasanuu jedhamus qabuun magaalaadhuma Furseetti hidhuun ibsameera.
Oduu saamichaatiin ammoo aanichuma iddoo addaa Caffaa Ortaa Gadiitiitti ergamtuu Bilxiginnaa kan ta’e namni maqaan isaa Ahimed Sheekaa jedhamu adda durummaan humnoota waraanaa fi milishootaa bobbaasee hawaasa sodaachisuun duula sakattaa nu waliin WBO irratti taasisuu qabdu, yoo duula kana taasisuuf fedhii hin qabdan ta’e ammoo qarshii 2,200 adabamtu jechuun manneen jiraattotaa irra deemanii qarshii guuraa jiraachuun himameera.
Jiraattonni kaffaltii gaafataman kaffalaa jiranis sodaa lubbuu isaanii fi ilmaan isaanii dirree lolaa irratti isaan quunnamuuf yaaddoo keessa seenanii qarshii gaafataman kanas kaffalaa akka jiran kan himan yoo ta’u, murni Bilxiginnaas tooftaa haarawaa saamichaa wiixineessuun maatii hedduus manneen irra deemanii bifa haarawaan maallaqa irraa akka saamaa jiranis ibsameera.
Keessattuu akka onichaatti Ebla 3, 2025 hanga Ebla 5, 2025’tti qarshii kuma dhibba lama akka saaman beekameera.

