ONM-ABO Ebla 7, 2025
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp rakkoo ”hanqina maallaqaa guddaa” Chaayinaa, Gamtaa Awurooppaa fi kanneen biroo waliin qaban furuuf karaa tokkicha taarifa ta’uu ibsaniiru.
“Isaan duruu hojiirra jiru, akkasumas waan bareedaatti ilaalamuu qabu,” jechuun barreeffama Truth Social irratti barreesse.
Hanqinni waggoota Pirezidaantii Joo Baayidan keessatti guddate, ”ariitiidhaan” duubatti deebi’a jedhaniiru.
“Gaaf tokko namoonni taarifni, Yunaayitid Isteetis Ameerikaadhaaf, waan baay’ee bareedaa ta’uu ni hubatu!” jechuun Tiraamp yaada isaaanii waltajjii Truth Social irratti xumuraniiru jechuun Dooch Waleen gabaaseera.

