• Tue. Nov 24th, 2026

UK bishaan jalaatti meeshaan  Raashiyaan shakkame ishee baasaasaa turuu himte

Apr 8, 2025

ONM-ABO Ebla 7, 2025 

Waraanni UK galaana naannoo biyyattii keessa jiran kanneen dooniiwwan bishaan jalaa niwukilaraa basaasuuf yaalii gochaa jira jedhanii amana argachuu isaanii Dilbata kaleessaa The Sunday Times gabaaseera.

Humni galaanaa meeshaalee siree galaanaa irratti dhaabaman tokko tokko argachuun hedduun isaanii qarqara galaanaa irratti dhiqachuu isaanii gaazexaan kun gabaaseera.

Hoggantoonni waraanaa fi basaasaa dooniiwwan bishaan jalaa afran misaa’ela niwukilaraa qaban afran irratti odeeffannoo walitti qabuuf akka dhaabbatan amanu.

“Shakkiin tokko hin jiru, Atilaantikii keessatti waraanni dhufaa jira. Kun tapha adurred fi hantuutaa erga Waraanni Qabbana’aan xumuramee booda itti fufee jiru, ammas ho’aa jira,” jechuun namni qondaalli olaanaan UK tokko barruu kanaaf ibseera.

Qorannoon gaazexaan kun ji’a sadiif gaggeesse akka jedhutti meeshaaleen Raashiyaa nama hin qabne “keebilii qunnamtii galaana gadi fagoo cinaa ga’uu” argateera jechuun AFPn gabaaseera.

Leave a Reply