ONM-ABO Ebla 8, 2025
Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaalee adda addaa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa adda addaan saamicha raawwachuu jabeessanii itti fufuun, “kaffaltii milishaa” jechuunis uummata irraa qarshii 250 ji’a ji’aan guuraa jiraachuu jiraattonni kutaa bulchiinsa magaalichaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees, jaleewwan faayidaa dhuunfaa isaanii irratti hirkatanii roga isaaniif mijate maraan hawaasa miidhaa oolan, maqaa “deggersa paartii” jedhuun qarshii 1000 tokko tokkoon namootaa irraa guuraa jiraachuun isaanii dabalataan ibsamee jira.
Jireenyi garmalee qaala’ee osoo hawaasa dararuu, lukkeeleen Bilxiginnaa namoota magaalicha keessaa kaffaltii isaan jedhan sababa garaa garaan kaffaluufii didan maqaa garaagaraa itti maxxansuun yakkanii tarkaanfii adda addaa irratti fudhataa kan jiran ta’uunis himamee jira.

