ONM-ABO Ebla 9, 2025
Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessatti jaleewwan Bilxiginnaa maqaa adda addaan hawaasa hiraarsuu baranii fi amaleeffannoo godhatan maatii barattootaa kanneen maqaan isaanii;
- Aadde Kiimiyaa Ibraahim Usmaan,
- Obbo Ahimadnuur Ibraahim Ablee,
- Aadde Alfiyaa Aliyyii Dheeraa,
- Aadde Faaxumaa Abdallaa Hasanii fi
kanneen biroo danuu ta’an sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, maatii barattootaa kana kan hiisise, Ittaanaa mana barumsaa Gooroo Wadoo kan ta’e kan maqaan isaa Ahimad Suufiyaan jedhamu jaleewwan Bilxiginnaa kanneen biroo waliin ta’uun akka hidhaatti darbate himu.
Kana malees maqaa “ayyaanaan qabattanii mana barumsaa irraa barattoota hambiftan” jedhuun maatii barattootaa irraa nagahee tokko malee qarshii 100 dirqamaan guuraa kan jiran oggaa ta’u, adabbii adda addaa irratti fudhachuun mooraa mana barumsaa keessatti baruu fi barsiisuun sirnaan akka hin geggeeffamne gochaa jiraachuun barameera.

