• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horrootti waraanni Raayyaa ittisa impaayerattii dararaa fi saamicha uummata nagaa irratti hammeessuun beekame

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 11, 2025 

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Lootii Aannootti Ebla 8, 2025 waraanni Raayyaa ittisa impaayerattii maqaa sakkatta’insa WBO jedhuun uummata nagaa irratti saamichaa fi reebicha ulfaataa geggeessuun beekame.

Namoonni saamaman kunneenis:

  1. Obbo Ifaa Nagarii jalaa qotiyyoo 5, 
  2. Obbo Toobarraa Olaanii jalaa qotiyyoo 3 

fudhachuun gara mooraa waraanaa isaniitti geessuun qalatanii nyaachuu jiraattotni himan.

Waraanni Raayyaa ittisa impaayerattii uummata nagaatti bobbaafamanii weerara irratti gaggeessuun qe’ee fi qabeenya isaa irratti samicha, hidhaa fi ajjeechaa suukkannessaa raawwachuun gidiraa hamaaf saaxilaa kan jiran yoo ta’u, gochi loltoonni kunneen gochaa jiranis Oromiyaa guutuutti babaldhachuun uummanni bahee galuufis yaaddoo hamaa keessa jiraachuun ni beekama. 

Leave a Reply