• Fri. Nov 20th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Gindabaratitti murni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hiraarsaa jiraachuun ibsame

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 9, 2025 

Faashistootni waraana Bilxiginnaa kanneen uummata Oromoo biyya abbaa isaa irratti itti roorrisuun cunqursaa bifa adda addaa irratti raawwachaa jiran aanaa Gindabarat ganda Qarree Doobbiitti daa’imman xixiqqoo waliin maatii hedduu hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Namoonni hidhaman kunneenis:

  1. Obbo Baqqalaa Alamaayyoo (maatii isaa hunda waliin),
  2. Obbo Abboomaa Xiiqii,
  3. Obbo Damshaashaa Bacharee,
  4. Obbo Taaddasaa Fufaa fi 

namoonni maqaan isaanii yeroof adda hin baane maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduu fi bosonatti ergattan jedhuunis qabanii hidhuun beekameera.

Akka jiraattonni jedhanittis haalli hidhamtoonni siyaasaa keessa jiran baay’ee yaaddessaa ta’uus kan himan, hanga WBO bosonaa galchitanitti hireen isin eeggatu du’a qofaadha jechuunis guyyuu doorsisa irraan ga’aa akka jiran itti dabaluun himaniiru.

Maatiin waraana gabroomfataa PP’n butaman kunneen qabeenyi isaanii beeyladootaa fi midhaan dabalatee humnoota milishootaan jalaa akka guuramaa jirus ifoomeera.

Keessattuu milishoota sirnichaan  dararaan itti hedduummachuu irraan kan ka’e roorroo baqatanii namoonni hedduun qe’ee gadhiisuun godaanaa akka jiranis addeeffameera.

Leave a Reply