ONM-ABO Ebla 11, 2025
Wiixata Ebla 7, 2025 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Bishee Abbaa Kaalid irraa qonnaan bulaa Mohaammad Sheek Muusaa jedhamu garmalee reebuun Caffaa Roobititti yoo hidhan, guyyuma kana qonnaan bultoota kanneen maqaan isaanii:
- Umar Muhee fi
- Hasan Yaayyoo
jedhaman sobaan yakkanii maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu jedhuun reebanii qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqisaniiru.
Akka jiraattotni jedhanitti, qonnaan bultoonni dararaan kun eegdoota barcuma Koloneel Abiy Ahimediin irratti raawwatame yakka dalagan qabaatanii osoo hin taane sobaan yakkanii Oromummaa isaanii qofaaf hiraarsaa kan jiran ta’uu himuun, akkuma aanichaatti doorsisni shiftoota murna abbaa irree Bilxiginnaan jiraattota nagaa irratti geggeeffamu jabaachuu eeran.
Lukkeeleen Bilxiginnaa kun namoota nagaa dararuu ittuma fufuun aanichumatti dargaggoo dhalootaan godina Booranaa ta’e kan maqaan isaa ammaaf nun geenye qur’aana barachuuf gara godina Walloo dhufee achitti barachaa jiru Masgiida irraa qabanii gara baadiyyaa aanaa Harxummaa Fursee geessuun caasaalee isaanii waliin ta’ee uummata WBO irratti akka kakaasuuf qur’aana isaa erga addaan kuchisiisanii baatii 2 ol lakkoofsiseera jedhu jiraattotni naannichaa.



