ONM-ABO Ebla 8, 2025
Ministirri Ittisaa US Ameerikaa Peetee Hegsret Wiixata kaleessaa , duula boombii Ameerikaa itti fufee jiruu fi kana caalaa hammaataa akka dhufuuf” kaasuun finciltootaa Huutii Yamaniif akeekkachiisa cimaa kennaniiru.
Akeekkachiisni kun kan kenname duula torban sadiif haleellaa Ameerikaan doonii idil-addunyaa galaana diimaa irratti raawwatamu irratti raawwatameef deebii kennuudhaan dandeettii waraanaa Huutii gadi buusuuf kaayyeffate gidduutti. Akka dubbisni Peentaagoon jedhutti, Hegseet Ministira Ittisaa Sa’uudii Arabiyaa Prinsi Kaaalid Bin Saalmaan waliin haasa’uun hojii fi tattaaffii hariiroo ittisa biyyoota lamaanii cimsuuf itti fufee jiru irratti mari’ataniiru.
Piriins Kaalid haasawa kana barreeffama X irratti barreesseen, lamaan isaanii haala naannoo fi “mul’ata waliinii nageenya fi tasgabbii naannoo fi idil-addunyaa guddisuuf” mari’ataniiru.
Dubbi himaan Peentaagoon Siyaan Paarnel akka jedhanitti Hegseet fi Piriins Kaalid nageenya naannoo irratti yaada wal jijjiiraniiru, “dandeettii Huutii gadi buusuuf, galaana diimaa keessatti bilisummaa sochii dooniiwwanii kabachiisuuf hojii Ameerikaa irratti dubbataniiru.”
Walgahii Waayit Haawusitti muummicha ministeera Israa’el Benjamin Netanyahu waliin taasisaniin, Hegset ejjennoo cimaa bulchiinsa isaanii irra deebi’ee ibsuun, waajjira Ovaal keessatti gaazexeessitootatti himaniiru. “Huutiif torban sadii hamaa ta’eera, hammaataas dhufuuf jira” jedhan.
Duula kana “dhabamsiisuu” jedhu kanaan dhaabbilee lafa jalaa, meeshaalee waraanaa oomishanii, loltoota Huutii fi sirna ittisa qilleensaa irratti xiyyeeffachuu isaanii ibsaniiru.
Hogganaan humna waraanaa Ameerikaa Peentaagoon qeeqa Iraan irrattis kan qajeelche yoo ta’u, Teeyiraan gargaarsa itti fufaan garee Huutiif gootuuf akeekkachiisaniiru. ”Hojii irra oolchuuf filannoo baay’ee fi dhiibbaa baay’ee kan caalu qabna” jedhan jechuun Al Arabiyaa English gabaaseera.

