• Wed. Nov 25th, 2026

Waraanni Israa’el magaalaa Gaazaa keessatti Ajajaa Hamaas ajjeesuu himu

Apr 12, 2025

ONM-ABO Ebla 11, 2025 

Waraanni Israa’el magaalaa Gaazaa keessatti ajajaa Hamaas ajjeesuuf Kamisa kaleessaa ibsite.

Waraanni tokko akka jedhetti Heetham Razek Kaalil, miseensa Hamaas biroo waliin ajjeefame.

Waraanni Hamaas Kaalil jedhamu kun ajajaa kutaa waraanaa Shujaa’iyaa jedhee waamamu akka ta’ee fi humnoota Israa’el Gaazaa keessatti argaman irratti miidhaa raawwatamaa tureef itti gaafatamummaa fudhateera jedheera.

Waraanni Israa’el Gaazaa keessatti Bitootessa 18 irratti qabee haleellaa  itti fufee jiruun namoota 1,500 ol ajjeesee, 3,800 ol madeesseera.

Manni murtii yakkaa idil-addunyaas Sadaasa darbe Muummicha Ministeeraa Israa’el Netaaniyaahuu fi Ministira Ittisaa isaanii duraanii Yohaav Gaalant yakka waraanaa fi yakka dhala namaa Gaazaa keessatti raawwatameef murtii hidhaa itti dabarsuu Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply