• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuun jiraattota saamuu fi dararuu itti fufan 

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 12, 2025 

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa keessatti tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuun konkolaachistoota Doqdoqqee gandichaa fi magaalaa Naqamtee gidduu geejjibaan hawaasa tajaajilan irraa dirqamaan qarshii 1,000 fi hawaasa irraa ammoo 500 guuraa kan jiran ta’uu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Armaan duras waajjira gandaa kana jiraattonni gandichaa dirqisiifamuun humnaa fi qabeenya isaaniin ijaaranii kan turan sababa yeroo darbe gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Duula Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf tarkaanfii irratti fudhateen guutummaan barbadeessee kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa kanas  haaluma wal fakkaatuun marsaa lammaffaaf ijaarsisanii erga xumuranii boodas “akka kanaan duraa akka hin gubanneef isintu dabareedhaan waardiyyaa ba’ee eega” jedhanii oggaa doorsisan, jiraattonnis “kan isin qawwee baattanii baqattanii gubsiistan nuti ammoo akkamiin harka qullaa eegna”? jechuun jaleewwan Bilxiginnaa afaan qabachiisuun ibsameera.

Kana malees, gandicha keessatti kaffaltii gibiraa humnaa olii itti muruun uummata ofiifuu sababa qaala’iinsa jireenyaan rakkoo hamtuu keessa jiru garmalee dararaa jiraachuu itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.

Leave a Reply