ONM-ABO Ebla 12, 2025
Aanaa Daarimuu ganda Waabeekoo keessaa Ebla 7, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Shawwaluu Taayyee,
- Gannatii Nagaasoo,
- Maammuyyee Xurunaa fi
kanneen biroo hedduu ta’an ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen maqaa misooma gandaa hojjechuu diddan jedhuun erga hidhanii boodas qarshii 2,000-2,000 irraa fudhatanii hiraarsaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Murni abbaa irree uummata Oromoo hacuucee bulchuu barbaadu Bilxiginnaan, loltoota isaa kumaatamaan goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun hawaasa nagaa maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun ajjeesuu, hidhuu fi saamuu cimsee itti fufee jira.



