ONM-ABO Ebla 12, 2025
Aanaa Hoomaa ganda Siibaa Meetosaa jedhamu keessatti Ebla 10, 2025 dargaggoo maqaan isaa Qannoo Geetaachoo jedhamu milishoonni Bilxiginnaa badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoon milishoota sirnichaan ajjeefame kun badii lubbuu isaa baasisu hojjeteef osoo hin taane loltoonni koloneel Abiy Ahimed ergama badiisa uummata Oromoo irratti raawwachuuf waan bobba’aniif qofa yakkanii gara jabummaa itti agarsiisuunis lubbuu akka obbaasantu dubbatama.
Kutaalee impaayerattii cufa keessatti loltoonni faashistii PP guyyaa guyyaan lubbuu ilmaan Oromoo rasaasaan akka baala mukaatti harcaasaa jiraachuu isiniif gabaasaa turre.



