• Tue. Nov 24th, 2026

Taanzaaniyaan waggaa 5f paartii mormituu ijoo filannoo irraa dhorkite

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 13, 2025 

Taanzaaniyaan paartii mormituu Chaadimaan  filannoo waliigalaa bara kanaa fi filannoo waggoota shanan dhufaniif irraa seera naamusaa haaraa mallatteessuu waan dideef irraa dhorkamuun  ibsameera.

Ramadani Kayilimaa Komishinii Filannoo Biyyaalessaa Walaba ta’e Sanbata kaleessaa magaalaa guddoo Dodoma keessatti beeksisa kana baaseera. “Filannoo bilisaa fi haqa qabeessa ta’e haala mijeessuu keessatti seerri naamusa filannoo murteessaadha, qaamoleen hundi hirmaachuu fi seera kana mallatteessuun barbaachisaa dha. Adeemsa filannoo pirezidaantummaaf, miseensota paarlaamaa fi miseensota mana mareetif raawwatiinsa qaba,” jedhan.

Koodiin kun sagalee Onkoloolessaa dura ulaagaalee naamusaa dhaabota siyaasaan kan kaa’e yoo ta’u, paartiilee biyyaattii 19 galmaa’an keessaa 18niin kan mallattaa’e yoo ta’u, Chaadeemaa qofatu mallatteessuu dide. 

Guyyaa tokko dura komishinichi mallatteessuu diduun bu’aa seeraa fi filannoo akka fidu akeekkachiiseera. Barreessaan olaanaa Chaadeemaa Joon Minyookaa ejjennoo dhaabichaa irra deebi’anii ibsuun, haaromsi filannoo guddaan yoo hojiirra oole malee hin mallatteessu jedhan.

Mootummaan bara 2024tti haaromsa yoo tumatellee, Chaademaan akka waan gahaa hin taaneetti isaan kuffiseera.

Taajjabdoonni fi gareewwan hawaasa siivikii paartilee mormitootaa biyyattii keessatti adda duree ta’an keessaa tokko osoo hin dabalatin amanamummaa fi hunda hammatee sagalee Onkoloolessaa kana xiqqeessuu danda’a jechuun yaaddoo kaasaniiru.

Komishinichi akka jedhetti garuu koodii mallattaa’e seeraan raawwatiinsa ni qabaata jechuu isaa Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply