• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Diggaa keessatti loltoonni faashistii PP dargaggoo tokko irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwatan

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 14,2025 

Aanaa Diggaa ganda Bareeda Sooromaa keessaa Ebla 13, 2025 ergamtoonni sirna nama nyaataa Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Asheetuu Fiqaaduu jedhamu sababa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bakkeetti gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi daldalaa loonii ta’uu himuun, waraanni maafiyaan impaayerattii kunneenis maqaa sakattaa dawoo godhatanii gara gandichaatti bobba’uun sababa sobaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun kan ajjeesan ta’uus itti dabaluun ibsaniiru.

Hawaasa meesha maleeyyiitti abbaa irrummaa isaanii mul’isuu kan aadeffatan tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa, kutaalee impaayerattii cufa keessaa saboota kan biroo irraa addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun adamsanii hidhuu, ajjeesuu fi ukkaamsanii achi buutee   isaanii dhabamsiisuu itti fufanii jiru.

Leave a Reply