• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti Lukkeeleen Bilxiginnaa lafa hawaasaa saamanii gurgurachuun dhaga’ame 

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 14,2025 

Aanaa Guutoo Giddaa bulchiinsa magaalaa Ukkee keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa dantaa dhuunfaa isaanii qofa guuttachuuf dhama’an lafa waliinii kan jiraattonni loon irra tikfatan aangoo of harkaa qabanitti dhimma ba’uun saamanii abbootii qabeenyaatti maallaqa guddaan gurguratanii jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Lafti kun bal’ina hektaara 300 ta’uu himuun, yeroo ammaa kanas abbaan qabeenyaa laficha bitate sun sodaa uummataaf jecha milishoota Bilxiginnaa waardiyyaa itti ramadee qochisiifachaa jiraachuu dubbatu.

Lukkeeleen Bilxiginnaa lafa uummataa saamanii gurguratan kunneen:

  1. Lammeessaa Amantee,
  2. Dachaasaa bulchiinsa magaalaa Ukkee duraanii,
  3. Kadir Maammoo kantiibaa magaalichaa,
  4. Immiruu kantiibaa duraanii,
  5. Dinqaa Gonfaa fi
  6. Geetinnet Ijjiguu qondaala naamusaa Bilxiginnaa ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply