• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuu keessatti kaadiroonni fi waraanni PP jiraattota umuriin isaanii 18 ol ta’an maqaa filannoo dhufuuf galmooftu jedhuun tooftaan dirree waraanaatti erguuf daba raawwachaa jiraachuu ONM odeeffate

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 15, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu gandoota hunda keessatti kaadiroonnii fi waraanni PP tibbana jiraattoota umuriin isaanii 18 ol ta’an galmeessaatii filannoof qophessaa jechuun humnoota waraanaa fi milishoota bobbaasanii dararaa raawwachaa jiraachuun ibsameera.

Kana malees aanaadhuma kana keessatti hojjettoota mootummaa kanneen miseensa paartii Bilxigginnaa hin taane dirqiidhaan gara dirree leenjii deemtu jechuun bakka nageenya isaaniif wabii hin qabne, bakka sochiin humnoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jirutti erguun lubbuu namoota kanneenis baasuuf wabii fi waardiyyaa tokko malee bobbaasaa jiraachuun dhaga’ameera.

Jibbaa fi hammina Oromoof qabanis ifatti mul’isuun tooftaa haarawaan gadi dhufaa jiraachuun sirnichaa kunis kufaatii siyaasaa fi hawaasummaa keessatti kan ramadamu yoo ta’u, Bilxiginnaan hojjettoota mootummaa cufti paartii badhaadhinaaf miseensa miti taanaan mirga jiraachuu fi socho’uus akka hin qabnetti ugguree jiraachuun kan beekamuudha.

Murni Bilxigginnaa ilmaan Oromoo bakka hojii, mana barnootaa fi bakka bashannanaa garaa garaati humnaa fi gowwomsaan qabuun gara dirree waraanaatti ergaa kan turan ammas tooftaa haarawaa jijjiiratanii maqaa filannoo bara dhufuuf galmooftu kan jedhuun guutuu Oromiyaa keessaa dargaggoonni umurii 18 ol ta’an akka galma’aniif walitti qabaa jiraachuun dhaga’ameera.

Leave a Reply