ONM-ABO Ebla 16, 2025
Aanaa Kuyyuu ganda Jallisa Luxuu jedhamu keessaa Ebla 14, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa qe’ee hawaasa nagaatti moortara dhukaasuun haadha maqaan ishee Aadde Gulummaa Shuumii jedhamtu battalatti yoo ajjeesan, Obbo Fayisaa Bojaa ammoo madoo ulfaataa taasisuun wayita ammaa du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Aadde Shuumiin umuriin ishee 55 ta’uu fi Obbo Fayisaan umuriin 45 ta’uu himuun, ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen Waraana Bilisummaa Oromoo lolaan injifachuu dadhabuun abdii kutannaa isa dhumaa keessa seenanii uummata Oromoo irratti meeshaalee gurguddaan duula duguuggaa sanyii raawwachaa kan jiran ta’uunis ifoomeera.
Meeshaalee waraanaa gurguddoo silaa ittiin daangaa biyyaa eegan, murni Bilxiginnaa ammoo faallaa kanaa lammiilee isaa irratti dhukaasuun miidhaa gurguddaa geggeessaa jira.


