ONM-ABO Ebla 17, 2025
Lixa Harargee aanaa Habroo arraddaa Caffee Aannanii jedhamu keessatti haadha maqaan ishee Aadde Haliimaa Mohaammad Ahimad jedhamtu milishaan sirnichaa kan maqaan isaa Mohaammad Siraaj jedhamu duudhaa hawaasichaa cabsuun qaanii tokko malee afaan qawwee itti qabee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Haadhi kun kan ajjeefamte Ebla 15, 2025 yoo ta’u, jibba dhuunfaa irraa qabu gara siyaasaatti deebisee haadha yakka tokko hin qabne ajjeesuun gara jabummaa sirnichaa ifatti mul’isee jira.
Waraanni fi lukkeeleen Bilxiginnaa kanneen hamminaan guutaman gochootni isaan guutuu Oromiyaa keessatti guyyaa guyyaatti raawwachaa jiran duguuggaa sanyii uummata Oromoof sababa guddaa ta’ee kan jiru, qorannoo fi adeemsa seeraa malee ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi dhiibbaalee adda addaa taasisaa jiran cimsanii itti fufuun lubbuu dhibbootaan lakkaawamu guyyuu obbaasaa jiru.

