ONM-ABO Ebla 14, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Toggir Haroo Gombii keessatti waraanni faashistii PP Ebla 12, 2025 dargaggoo maqaan isaa Misgaanaa Gubbaa Tarreessaa jedhamu badii tokko malee haala nama gaddisiisuun ajjeesanii gatuun ibsame.
Dargaggeessa waraana kanaan ajjeefame malee namoonni afur guyyuma kana ukkaamfamuun kan hidhaman ta’uunis kan himamu oggaa ta’u, maqaan namoota kanneenis:
- Gammadaa Margaa,
- Saaqqataa Ofkolaa,
- Eliyaas Darajjee fi
- Biniyaam Ittaanaa kanneen jedhaman akka ta’anis ifoomeera.
Kana malees saamichi loltoota faashistii PP’n kan raawwate oggaa ta’u, Obbo Jiraa Fiqaaduu nama jedhamu jalaa loon 18 saamuun mana jireenyaa isaa fi midhaan inni qabu cufa ibidda itti shidanii barbadeessuun beekameera.


