ONM-ABO Ebla 15, 2025
Murni Bilxiginnaa impaayera faana ekeraa Minilikiin ejjettu utubuuf ifaajan godina Qellem Wallaggaa aanaa Yamaaloogii Walal ganda Akuukkuu fi naannawaa ishee akkasumas bakka addaa Laaloo Udoo jedhamu irraa Ebla 14, 2025 qonnaan bultoota hedduu miseensa milishaa impaayerattii taasisuuf bakka hojii isaanii irraa humnaan ukkaamsanii deemuu maddeen ONM’tti himan.
Namoota fedhaa fi dandeettii isaanii malee qabaman keessaa muraasni maqaan nu ga’e;
1. Zalaalem Foxooraa,
2. Faxxanaa Sambatoo,
3. Masfiin Hiikaa fi kanneen maqaan isaanii ammaaf adda hin baane hedduu yoo ta’an, namoonni kunneen kan umuriidhaan bubbulan akkasumas ga’umsaa fi dandeettii dirree waraanaa dhaabbachuuf kanneen humna hin qabne ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Akka maddeen ibsanitti jaleewwan sirnichaa dantaa garaa isaanii qofaaf uummata hiraarsan kunneen tooftaa saamichaa ittiin uummaticha hiyyoomsan bocachuun, namoota hundaan yoo qarshii kaffaltan isin galchina jechuun nama tokko irraa qarshii 1,500-2000 saamaa jiraachuunis eerameera.

