ONM-ABO Ebla 14, 2025
Prezidaantiin Siiriyaa Ahmed al-Sharaa Dilbata darbe gita isaanii kan Yunaayitid Arab Emireet waliin akka wal argan waajjirri hogganaa Siiriyaa kan ibse yoo ta’u, kunis daawwannaa lammataa mootummaa Galoo Galaanaatti taasisaniidha.
Prezidaant Sheek Mohaammad Bin Zaayid Al Nahaayin waliin kan wal argan Al-Sharaa, Ministira Dhimma Alaa Asaad al-Shayibanii waliin turan.
Dhaabbanni oduu mootummaa Siiriyaa Sanaan Dilbata darbe akka jedhetti, Al-Sharaa fi Al-Shayibaniin dhimmoota fedhii waliinii qondaaltota Emireet waliin mari’atu jedhamee eegamaa ture jechuun ibse.
Al-Shaaraa baatii Amajjii keessa erga pirezidaantii ta’anii booda imala biyya alaa jalqabaa irratti Guraandhala keessa Sa’uudii Arabiyaa daawwateera.
Hoggansi haaraan Siiriyaa Muddee keessa kufaatii pirezidaantii Bashar al-Assad hordofuun hoggantoota Arabaa fi warra dhihaa waliin hariiroo cimsuuf yaalaa jira.
Biyyoonni dhihaa hoggantoota Siiriyaa itti dhiyeenyaan ilaalaa jiru, mootummaa hunda hammate uumuu, biyya Waraana Biyya keessaatiin caccabee sirna eeguu fi ISIS ykn al-Qaayidaa akka hin deebine ittisuudha.
Sooriyaa waggoota 14 booda dinagdee ishee deebistee jiraachisuuf gargaarsa qoqqobbii Ameerikaa fi Awurooppaan irra kaa’ame akka ka’uuf barbaaddi jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.

