• Wed. Nov 25th, 2026

Raashiyaan Yukireen haleellaa buufataalee anniisaa irratti akka hin raawwatamneef Ameerikaan waliigalchite cabsuun sa’aatii 24 keessatti yeroo jahaaf rukutte 

Apr 17, 2025

ONM-ABO Ebla 16, 2025 

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa Kibxata kaleessaa Yukireen haleellaa dhorkaa Ameerikaan kaa’ame cabsuun sa’aatii 24 darban keessatti bu’uuraalee anniisaa Raashiyaa irratti rukuttaa ja’a raawwatte jechuun himataniiru.

Haa ta’u malee Rooyitars gabaasa dirree waraanaa mirkaneessuu hin dandeenye.

Raashiyaa fi Yukireen haleellaa anniisaa irratti akka hin raawwanne waliigalan kana cabsuun irra deddeebi’anii wal himataniiru. Haleellaa annisaa irratti taasifamu dhaabuu Ameerikaan qaama dhiibbaa bal’aa nagaa naannoo Yukireen keessatti taasifamuuf akka ta’etti ilaalti.

Haa ta’u malee kaleessa Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sergee Laavroov, waraana Yukireen xumuruuf waliigaltee nagaa irra ga’uu danda’u irratti kutaalee ijoo Ameerikaa waliin walii galuun salphaa akka hin taanee fi Raashiyaan lammata biyyoota dhihaa irratti akka hirkattu gonkumaa akka hin hayyamne dubbataniiru.

Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp akka nama nagaa buusetti yaadatamuu akka barbaadan dubbatanii kan turan yoo ta’u, lols waggaa sadii Yukireen keessatti gaggeeffame irratti “dhiiga dhangala’u” xumuruu akka barbaadan irra deddeebi’anii dubbachuu isaanii Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply