ONM-ABO Ebla 17, 2025
Dura Taa’aan garee TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’el haalota raawwii Waliigaltee Nagaa Piritooriyaa irratti jiru yaaddeessaa waan ta’aniif paanaalii Gamtaa Afrikaa marii gaggeessuu qaba jechuun Ebla 14, 2025 Gamtaa Afrikaatti Hoogganaa Koree Ergama Kabachiisa, Hordoffii fi Mirkaneessaa fi Raawwii Walii galtee Piriitoriyaa ta’uun kan muudaman Meejar Jeneraal Samaad Alaade waliin waajjira isaaniitti marii taasisaniin ta’uu paartichi beeksiseera.
Dabratsiyoon marii kana irratti akkaataa Walii galtee Piritooriyaatiin hidhattoonni Raayyaa Ittisa Bilxiginnaatiin ala jiran hanga ammaatti daangaa Tigraay gadhiisanii akka hin baane, lammiileen buqqa’anii fi baqatan gara qe’ee isaaniitti deebi’uu akka hin dandeenye, akkasumas “lafti Tigraay to’annoo weerartootaa jala akka jiru” dubbachuu isaanii eerameera.
Kana malees Dabratsiyoon Gabramikaa’el “hanga ammaatti mariin siyaasaa akka hin jalqabne, mallatteessaa walii galtichaa kana ta’e TPLF seera qabeessummaan irraa haqame akka hin deebineef” itti himuu isaanii ibsicha keessatti akeekameera.
Uummanni keenya weerartoota jala jiruus ta’e buqqaatonni dhiheenya kana wabii gahaa malee gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an godhaman rakkoo guddaa keessa jiru jechuun himate.
Gareen kun ittu dabaluun Bilxiginnaan Itoophiyaa waliigaltee Piriitooriyaa cabsaa jira, ummata Tigraayis dhiibaa jira akkasumas labsii, dambii fi qajeelfama ummata Tigraay irratti raawwatamu baasaa jira jechuunis qeeqera.

