ONM-ABO Ebla 18, 2025
Aanaa Deedootti kaabinoonni Bilxiginnaa gama danda’an hundaan hojjettoota waajjiraalee adda addaa keessaa hojjetan irratti cunqursaa hamaa raawwachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kaabineen Bilxiginnaa maqaan isaa Amiin Tamaam jedhamu duraan itti gaafatamaa paartii Bilxiginnaa aanichaa kan turee fi yeroo ammaa kana immoo itti gaafatamaa waajjira qonnaa aanichaa kan ta’e, hojjettoota waajjira qonnaa garmalee dararaa jiraachuun isaa ifoomeera.
Ofii isaa magaalaa Jimmaa keessa taa’ee hojjettoota waajjirichaatti maqaa adda addaa maxxansee itti qoosuun akkuma fedha isaatti olii fi gadi oofaa kan jiru yoo ta’u, hidhaatti darbachuu irraa eegalee hanga hojii idilee isaanii irraa ari’uutti kan ga’ee jiruu fi bakka isaaniif hin malletti jijjiiraa kan jiru ta’uun dabalataan ibsamee jira.
Kaabinoonni Bilxiginnaa aangoo isaaniitti fayyadamuun qaamolee isaan jala jiran akkuma fedhan hacuucuun “akka ani jedhetu siif ta’a” jedhanii sobaan yakkanii hiisisuu hanga hojii irraa ari’uutti dararaa hamaa raawwachaa jiru.



