• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti hidhattoonni murna Bilxiginnaa dargaggoota sadii irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuun dhaga’ame

Apr 18, 2025

ONM-ABO Ebla 18, 2025 

Leellistoonni sirna bututaa Itiyoophiyaa kanneen galfataa fi imaanaa Minilikiin kudhaammachuun galaa godhatanii tumsa Impaayerattii tiksuuf hirmaatan jaleewwan Bilxiginnaa, kutaalee Oromiyaa mara keessatti guyyaa dhiyee bari’uun ilmaan Oromoo akka baala mukaatti harcaasaa oolu.

Haala kanaanis jiraattota godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Abbaa Jaarraa kan ta’an Ebla 10, 2025 dargaggoota sadii kanneen maqaan isaanii:

  1. Teediroos Bungeechaa,
  2. Muddiin Ittafaa fi
  3. Iyyoob Kabaa jedhaman 

yakka tokko malee mana maatii isaaniitii qabuun mooraa waraanaa magaalaa Dambii Doollootti galfachuun dararaa ulfaataa erga irratti raawwachaa turanii booda gara jabummaan ajjeesanii gatan.

Keessattuu dargaggoo Teediroos Bungeechaa jedhamu Jimaata Ebla 11, 2025 rasaasa shaniin ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Kana malees dargaggoota lameen Muddiin Ittafaa fi Iyyoob Kabaa jedhaman Ebla 16, 2025 Roobii galgala sa’atii 10:00 irratti mooraa isaaniitii baasuun gara ganda Maaxaa jedhamutti geessanii mana Barumsaa ganda Maaxaa biratti geessanii kan isaan rasaasaan waadanii ajjeesan caalaa dargaggoo tokko lubbuun keessaa bahuu didnaan akka horiitti albeedhaan morma isaa qalanii ajjeesan jechuun jiraattonni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Dargaggoota ajjechaa suukkanneessaan irratti raawwatame kanneen hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti reeffa isaanii bakkeetti gatuun maatii fi hawaasa naannoo irraa ittisuun awwaalcha dhorkanii jiraachuus maddeen itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.

Leave a Reply