• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti hawaasni dhukkuba kaanseriin miidhamaa jiraachuun himame

Apr 23, 2025

ONM-ABO Ebla 23, 2025 

Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Cooraa Kanaaboo jedhamu irraa namoonni danuun dhukkuba Kaanseriin qabamanii yaala dhabuun lubbuun isaanii darbaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Gandicha keessaa yeroo ji’a 1 hin caalle keessatti namoota maqaa isaanii:

  1. Warqituu Sambatoo, 
  2. Mitikkuu Gammadaa,
  3. Guddataa Jifaar,
  4. Zawudee Daggafuu,
  5. Mitikkuu Fedhasaa,
  6. Dassuu Fiqaaduu,
  7. Ayyaantuu Fiqaaduu,
  8. Tsaggaayee Amantee fi 

kanneen biroo hedduu lubbuun darbuun isaanii ibsameera.

Akka ragaan waajjira fayyaa aanichaa irraa argame addeessutti dhukkubni kun aanichatti babal’achuun yaaddoo kan uume yoo ta’u, rakkoo hanqina qorichaafis dhukkuboota xixxiqqoo biroo illee yaaluuf akka rakkachaa jiran ibsaniiru.

Leave a Reply