• Tue. Nov 24th, 2026

Muummichi Ministeeraa Hindii Moodiin hidhata jabeessuuf Sa’uudii Arabiyaa ga’e

Apr 23, 2025

ONM-ABO Ebla 23, 2025 

Muummichi Ministeeraa Hindii Naareendiraa Moodiin Kibxata kaleessaa daawwannaa sadaffaa mootummaa isaanii ta’uun Sa’uudii Arabiyaa magaalaa Jiddaa ga’an.

Imalli kun kan dhufe, Moodiin itti aanaa pirezidaantii Ameerikaa JD Vaans waliin Hinditti erga mari’atee guyyaa tokko booda yoo ta’u,Niw Deeliin Waashingitan waliin waliigaltee daldalaa cufuu fi taarifa  hambisuu barbaaddi.

Moodiin ibsa waajjirri isaanii baaseen, “Hindiin hariiroo dheeraa fi seenaa Sa’uudii Arabiyaa waliin qabdu gadi fageenyaan iddoo guddaa kenniti” jedhan.

Sa’uudii Arabiyaan waggootaaf biyya addunyaa baay’ina ummataatiin beekamtu Hindiif  boba’aa dbiyeessituu ijoo ta’uun ishee ni yaadatama.

Diinagdeen Hindii saffisaan guddachaa jiru boba’aa biyya alaatii galchuu irratti baay’ee kan hirkatu yoo ta’u, Sa’uudii Arabiyaan akka ministeerri dhimma alaa Hindiitti dhiyeessituu sadarkaa sadaffaa irratti argamti jechuun miidiyaaleen gabaasaniiru.

Leave a Reply