ONM-ABO Ebla 24, 2025
Aanaa Baddannootti lukkeeleen sirnichaa torban darbe irraa eegaluun dargaggootaa fi qonnaan bultoota hedduu ukkaamsanii konkolaataatti fe’uun gara mooraa leenjii waraanaatti geessaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees saamichi qabeenyaa uummataa irratti loltoota koloneel Abiy Ahimediin onichatti haalaan hammaatee kan jiru yoo ta’u, humnoonni waraanaa fi milishaan sirnichaa daandii gubbaa dhaabbatanii dhiibbaa gurguddaa geggeessaa akka jiranis ibsameera.
Koloneel Abiy Ahimed aarsaa wareegama qaqqaalii ilmaan Oromoon wayita gara aangootti dhufee kaasee teessoo siyaasaa isaa tikfachuuf jecha goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ilmaan hiyyeessaa humnaan ukkaamssisuun gara leenjii waraanaatti, achi irraanis gara dirree lolaatti geessuun qoraan ibiddaa taasisaa jiraachuun ni beekama.

