ONM-ABO Ebla 24, 2025
Sa’uudii Arabiyaan haleellaa shororkeessummaa garee turistoota Kaashimiir Hindiin to’attu irratti xiyyeeffate balaaleffatteetti.
“Mootummaan Sa’uudii Arabiyaa haleellaa shororkeessummaa Pahalgam, bulchiinsa Kaaba Hindii Jammu fi Kaashimiir keessatti Kibxata darbe raawwatamuun ajjeechaa fi miidhaan kudhanootaan akka ga’u taasise” balaeffatte.
Haleellaan kun yoo xiqqaate Kibxata darbe namoota 26 ajjeesuun kurnanootaan madeesseera. Kunis erga namootni qawwee hidhatan garee turistootaa irratti dhukaasa bananii booda yoo ta’u, haleellaa hamaa waggoota keessatti namoota nagaa irratti xiyyeeffate jedhamee ibsame.

