• Fri. Nov 20th, 2026

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti jaleewwan Bilxiginnaa saamicha hawaasa irratti raawwatan heddummeessanii jiraachuun himame

Apr 26, 2025

ONM-ABO Ebla 25, 2025 

Aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Waaqixoo Madaaluu jedhamu keessaa murni Bilxiginnaa akkuma amala isaanii duraatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa da’eeffachuun hawaasa saamaa turan, torban darbe irraa eegaluun ammoo maqaa “deggarsa harka qalleeyyii” jedhuun maallaqa hedduu saamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Lukkeeleen kunneen hanga gabaasni kun qindaa’etti harka qalleeyyii gargaaran kan hin qabne ta’uu kan himan jiraattonni gandichaa, gandicha keessatti sarbamni mirga namoomaa lukkeelee Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufuun, jaleen Bilxiginnaa maqaan isaa Mohaammad Hasan jedhamu immoo addatti hawaasa gandichaa ba’aaf gala dhorkaa kan jiru ta’uun dabalataan ibsamee jira.

Jaleewwan sirnichaa kufaatii dinagdee fi sirna dhablummaa impaayerattii keessatti mudate da’oo godhachuun qabeenya uummataa maqaa adda addaan saamaa fi qe’ee uummataa golgoleessaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply