ONM-ABO Ebla 25, 2025
Aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Lalisaa Komis bakka addaa Minjaakkoo jedhamu irraa Ebla 22, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Baacaa Qannoo,
- Waggaarii Digiluu,
- Waaqshuumaa Lataa fi
namoota ammaaf maqaan isaanii hin baramne hedduu hidhanii dararaa ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Aanaadhuma kana ganda Daandii Gudii jedhamu irraa guyyaadhuma kana Ebla 22, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Dassa’aa Kabaa,
- Oliiqaa Namarraa fi
- Baqqalee Tarrafaa jedhaman hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun baramee jira.
Loltoonni faashistii PP jiraattota kanneen kan hidhaatti darbatan, sababa Oromummaa isaanii qofaaf yoo ta’u, maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkanii hiraarsaa akka jiran ibsamee jira.
Ergamtoonni Bilxiginnaa gubbaa hanga gadiitti jiran akkuma argan bobbaafamuun ajaja qaama isaanii olii irraa itti kenname guutanii gammachiisuuf jecha nama siyaasa tokkollee hin hordofne maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun yakkanii hiraarsuu hammeessanii jiru.

