• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattootni sirnichaa hidhaa, saamicha, reebichaa fi gudeeddii raawwatan

Apr 26, 2025

ONM-ABO Ebla 25, 2025 

Aanaa Harxummaa Fursee ganda Hara jedhamutti Ebla 22, 2025 hidhattootni sirnichaa qe’ee hawaasaa keessa naanna’uun badii tokko malee qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Hasan Aliyyii,
  2. Mahaammad Heenoo fi 
  3. Adam Gaashee 

jedhaman meeshaa waraanaa qabduu fidaa jechuun ukkaamsanii harka dudduubatti hidhuun mana hidhaatti darbachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Kana malees maatii namoota kanneeniitti bilbiluun qawwee tokko tokko bitanii akka geessaniif dirqisiisaa kan jiran oggaa ta’u, maatiin Obbo Hasan Aliyyii Ebla 23, 2025 lubbuu ilma isaanii oolchuuf qawwee tokko bitanii akka geessan ibsameera.

Haa ta’u malee qawwee bitanii yoo geessanis hidhamtoota kanneen gadhiisuuf lukkeeleen faashistii PP kunneen heyyamamoo akka hin taanes addeeffameera.

Dabalataanis jiraattuuma gandichaa kan taate shamarree Kadiraa jedhamtu reebicha jabaa irratti kan raawwatan oggaa ta’u, gandichuma keessaas haadha warraa nama Birruu jedhamuus ukkaamsuun mooraa isaaniitti galchanii gudeeddii irratti raawwachuun guyyaa tokkoof bulchanii gadi lakkisuu ONM odeeffateera.

Leave a Reply