ONM-ABO Ebla 26, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Waandii Daalleetti maafiyootni koloneel Abiy Ahimed Ebla 24, 2025 jiraattota hojii ijaarsaa irra jiranitti bobbaafamuun reebichaa fi hiraarsaa irratti taasisuun gariin hidhaatti darbachuu ONM odeeffate.
Maatiin reebichi irratti taasifames maatii qabsaa’otaa waan ta’aniif waggaa darbe manneen lama jalaa gubuun qabeenyaa saamuu fi gariin kan mancaasan oggaa ta’u:
- dargaggoo Amaanu’eel Addunyaa reebicha ulfaataa irraan ga’uun obboleeyyan isaas
- Masarat Addunyaa,
- Dinqee Addunyaa fi
namoota hojii ijaarsa manneeniif bakka sanatti argaman cufa miidhaa qaamaa irraan ga’uun dargaggoo Amaanu’eel Addunyaa waajjira poolisii aanaa Qilxuu Kaarraatti hidhanii akka jiran beekameera.
Reebichaan cinatti meeshaalee ijaarsaa hundumaa barbadeessanii kan deeman oggaa ta’u, haalli sarbamiinsa mirgoota namoomaa onichatti adeemaa jirus daran yaaddessaa ta’uu itti dabaluun jiraattonni ibsaniiru.




