• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobititti saamichi caasaalee murna PP’n jiraattota irratti raawwatamu yoo jabaatu, dhiittaan mirgoota namoomaa daangaa darbes geggeeffamuu itti fufe 

Apr 28, 2025

ONM-ABO Ebla 27, 2025 

Lukkeeleen Bilxiginnaa aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobit keessatti saamicha ulfaataa jiraattota irratti raawwachaa jiraachuu kan nuuf himan maddeen, saamicha kanaanis maqaa gibira hulaa manaatiif jedhuun kan bara 2024 qarshii 300 kaffalan bara 2025 ammoo qarshii 3000 dirqiin kaffalchiifamuu ONM jiraattota irraa qulqulleeffateera. 

Dabalataan magaalichumatti gareen saamtotaa murna faashistii PP kun namoota magaalaa keessa naanna’anii guyyaa gabaa koshooroo fi saamunaa gurguratan maqaa waraqaa heyyamaa hin qabdan, manatti dhiistanii dhuftanii fi akkasumas haaromsaa hin jirtan jedhuun qarshii 250 fidaa ittiin jechuun afaan qawween sodaachisanii harkaa saamaa akka jiran namoonni saamichi kun irratti raawwatame itti dabaluun dubbatu. 

Oduu biraan ammoo aanaa Harxummaa Fursee gandoota adda addaatti gantoonni moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoo keessaa gananii diinatti galanii fi milishaan, akkasumas poolisoonni sirnichaa waliin ta’uun qe’ee uummata nagaa keessa guyyuu deemanii abbootii warraa maqaa sobaa  hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhu itti maxxansuun qe’ee fi maatii isaanii irraa reebanii ari’uun shamarranii fi hawwan irratti gudeeddaa fi gochoota safuu hawaasichaa cabsan dhiittaa mirgoota namoomaa garaa garaa geggeessaa jiraachuu jiraattotni ona Harxummaa Fursee Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading