ONM-ABO Ebla 28, 2025
Waraanni maaafiyaan Impaayera Itiyoophiyaa kan uummata Oromoo saamuu fi dararuu aadeffate godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Saraansariitti uummata nagaa gabaa deemee wal irraa bitee gurguratee galu qabanii hidhaa kan jiran yoo ta’u, keessattuu haadholii irratti xiyyeeffachuun hidhaa jiraachuutu himama.
Namoota qabamuun hidhamanii jiran keessaa kan maqaa arganne maanguddoo ganna 65 Aadde Shakkuu Guyyee kan jedhaman yoo ta’an haati kun gaaffii seeraa fi balleessaa tokko malee hidhattoota sirnichaan qabamanii qe’ee fi daa’imman isaanii irraa mana hidhaatti darbatamuun hiraarfama ulfaataa keessa jiraachuu ONM odeeffatee jira.
Tiksitoonni sirnichaa kunneen guyyaa gabaan naannichaa torbee naanna’ee dhufu eeggachuun karaatti bahanii uummata magaalaa dhaqu badii tokko malee sababoota adda addaa uummaticha hin ibsine itti maxxansuun ukkaamsanii hidhaa kan jiranii fi gandichatti guyyaan gabaa guddichi tokko qofa waan ta’eef uummatni wantoota bu’uuraalee jireenyaaf murteessoo ta’an guyyaa kana waan wal irraa bitee walitti gurguruuf jecha guyyaa kanatti xiyyeeffachuun karaatti nu eeganii nu hidhaa jiru jechuun yaada isaanii ONM’f eeranii jiru.


