• Sat. Oct 17th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu keessaa waraanni raayyaa ittisa impaayerattii 3 hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatan

Apr 29, 2025

ONM-ABO Ebla 29, 2025 

Ilmaan Oromoo dirqiin irree isaatti fayyadamuun afaan qawween ukkaamsee bututtuu impaayera Itiyoophiyaa tiksuuf jecha soora rasaasaa gochuu fi uummata Oromoo duguugee balleessuuf leenjii waraanummaa kenneefii bobbaasaa kan jiru murni badii PP, ta’us saamtonni waraana isaa rasaasa WBO’n harca’aa kan jiranii fi kanneen Oromummaa isaanii hubatan balfamaa mooraa waraana sirnichaa keessaa hidhannoo guutuun baduu ittuma fufuun aanaa Daarimuu irraa loltoonni sirnichaa 3 bahuun WBO’tti harka kennachuun barameera.

Loltoonni sirnichaa duraanii harka kennatan kunneenis dirqiin qabamanii leenji’uu ibsuun akkasumas waraanni sirnichaa isaan keessaa miliqan guyyuu dararaa ilmaan Oromoo irratti bobbaa’anii jiraachuu kaasuun kanaan duras cubbamaa sirna PP’f qawwee baatanii tajaajilaa turuutti dhiifama gaafachuun hiriyoota isaanii dirqiin mooricha keessatti hafanii jiraniinis, osoo yeroon jirtuu saba keessan kan dararaa jiru PP’f ergamuu dhiisaatii hidhannoo keessan waliin gaachana uummata Oromoo kan ta’e WBO’tti makamaa Oromiyaaf falmadhaa jechuun dhaamsa dabarsaniifii jiru.

Guyyaa guyyaatti raafamaa fi diigumsa keessatti kan argamu mooraan waraana murna Bilxiginnaa kan kanaan duriin olitti yeroo ammaa kana tarkaanfii WBO’n irratti fudhachaa jiruu fi keessaa baduu loltoota isaa irraa kan ka’e yaaddoo fi mancaatii guddaa keessa galee jiraachuu miseensonni loltuu impaayerattii harka kennatan kunneen ONM’tti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading