ONM-ABO Ebla 28, 2025
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo Dilbata kaleessaa akka jedhetti torban dhufu marii Raashiyaa fi Yukireen irratti waliigaltee irra ga’uuf ”baay’ee murteessaadha” ta’uu fi gareewwan kun ammallee waliigalteerra akka hin geenye ibsan.
“Ta’uu jalqabuun barbaachisaadha … kun torban baay’ee murteessaa ta’uuf deema jedheen yaada,” jechuun Ruubiyoon gaaffii fi deebii NBC’s Meet the Press waliin taasisaniin dubbatan.
Ruubiyoon akka jedhanitti bulchiinsi Traamp waldhabdee waggaa sadii ol ta’e dhaabuuf carraaqqii gochuu keessatti ”guddina dhugaa” agarsiiseera garuu ”tarkaanfiiwwan lamaan dhumaa” akka hunda caalaa ulfaataa ta’anii akka hafan akeekkachiisaniiru.
“Yeroo dhiyootti ta’uu qaba. Yoo bu’aa hin arganne carraaqqii kanaaf yeroo fi qabeenya kennuu itti fufuu hin dandeenyu,” jechuun dabalaniiru.
Ruubiyoon akka jedhanitti bulchiinsi isaanii yeroo dhiyootti marii kana keessatti dammaqinaan hirmaachuu ykn xiyyeeffannoo gara waab dursa kennamutti ce’uu murteessuu qaba jedhan.
Ruubiyoon dubbii kana kan dubbate erga Prezidaant Doonaald Traamp hogganaa Yukireen Volodymyr Zelensky waliin Dilbata wal arganii booda, lamaan isaaniiyyuu sirna awwaalcha Phaaphaasii Firaansis irratti hirmaatan. US fi Yukireen walgahii kana “bu’uuraa” jechuun ibsaniiru.
Boodarra Truth Social irratti “tarii Putin waraana dhaabuu hin barbaadu, adda ta’ee ilaalamuu qaba, karaa ‘baankii’ ykn ‘qoqqobbii sadarkaa lammaffaa?’” jechuun barreessuu isaanii Anaadooluun gabaaseera.

